Bilillee

Shaggarii gubbaa mamarmaareeShaggiituu Jiddaafan maradheeShaggarii gubbaa mamarmaareeShaggiituu Jiddaafan maradhee Shaggarii ulaan shan banaadha (banaadha)Essarraan ba’een si barbaada (barbaada)Faana kee arguun na dhamaase (dhamaase)Karri baayy’achuun na qormaate (qormaate) Bareedduu qal’oo masaakulaaKolfituun naatoo nyaara kuulaMil’uu tokkichatiin na laalteeBudaan jaalalaatu na nyaateHiriyaa gaafannaan maqaa isheeBadhaadha naan jette abbaan ishee (magaallina ishee)Hidhannoo jaalalaa guuttatteeQalbii too boojitee guugatte (magaallina ishee) Biliille mormi Bilillee taakkuu guuta safarrisaaQalbi fuudha bareednisaaAkkuma addeessa dukkana keessaIjja isheetu ifa-biifaa jaalalatu irraa tiifaNamnillee namni tokkolleeMiira koo naaf hin hubanneeOlmaa ishees natti hin dubbanneeSalaalee keessaa Barraakkoo keessaaMogormoo Bachoon of geessaJaalaltoo lafa naannessaa Boora fardakoonGaala hidheen faanakee dhahaaKutee Kuyyuufi Qarree GohaaKoo galaan dhumeAsan jira kottu naan jedhiDagamirraan gara kee loha Yaa magaala kooDarroo bu’uu bu’e dhuuguumaaIjatu siyyuu hin agarreef maleeDimbilaala kooSi yaadullee du’e dhugumaaIyyat’ Tulluu hin dabarreef malee Mucayyoo qal’oo Warra Kuraa JiddaaMul’adhu maaloo (jaalala maal’ didda)Mutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetiiNu Tulluu Yaayyaa (Warra Gullalleeti)Hariiro dhaqee qe’ee Warra JaarsooJaarsan ergadha (natti himimee teesso)Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaaAn dhabee ijaaf (way magaallee tiyyaa) Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaaKottaa na gargaara, barbaaduma ishee (barbaaduma ishee)Kanshee mallattoonii, miidhagdudha addaJaalalaa biftishee, tumaadha irgishee (barbaaduma ishee)Boontuudha koortudha, akkuma abbaa isheetiNyaararra jabaattii, migira mudhiinii (barbaaduma ishee)Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartuArgitan ni bartu, burree shinshinnee (barbaaduma ishee) Kottee farda kootiYaadaan kutee darbeeIja keen barbaada shaggeeAyyaanomee utuuman si argeeMaaloo naaf owwaadhuJiruuf suman gaadaLubbuufan si yaada shaggeeShaggee tiyya maaloo shaggee Arganii dhabuuni, akka dhukkubaatiGaabbii nama kaa’a, waliin nama dha’aa (barbaaduma ishee)Barbaadamuu barte, riphxe narraa hin dheessinJooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta’aa (barbaaduma ishee)Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesseKarra banaa dhiise, ergan ba’ee takkaa (barbaaduma ishee)Milli na qallattus, si argachuun murtoodhaOf duuban mil’adhu, gara abbeetiin dhaqa (barbaaduma ishee) Hambaa dhibaayyuu burqaa Torban AsheeHin jiru waayyuu (ejjetni faana kee)Xiixaa moo Ekkaa kamiin ol yaabbadhuFixan waabeekaa (eenyu si gaafadhu)Dhibee jaalalaa iji ilaalee hin arguAn siif dhibame (bara dhufee darbu)Nyamariin gama yoo darbes gamasuuNatti hiimi nan dhufa (an fayyee garasuu) Mucayyoo qal’oo Warra Kuraa JiddaaMul’adhu maaloo jaalala maal’ diddaMutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetiiNu Tulluu Yaayyaa Warra Gullalleeti
Scroll to Top